/p>
*Lolli Calanqo lola ittisa imala gabroomfattoota Nafxanyaa Absiiniyaa ykn Habashaa kan Amajjii 6 bara 1887 Minilikiin hogganamuu fi waraana Oromoota Harargee Bahaa kan Gooticha Bakar Waareetiin hogganamu giddutti akka ture ni beekama.
*Gootichi kuniis iddoon dhaloota isaa Aanaa Jaarsoo bakka Laga Mixee jedhamtu keessatti yommuu tahu inniis Gumii Bultum tan Raabaa fi Doorii Bareentumaa jedhamtee beekamtuu fi Addeellee maadheffattee Fugug Bulchitu keessatti Qondaala guddaa birmajii yeroo sanaati.
* Keessattuu Dhaddacha Mooraa Fugug tan teessuma Manbultii gurguddoo kudha lamaanAlaa(Buubu,Gutayyu,Diiramu,Eree,Galaan,Arroojjii,Goollo,Abbaadho,Meettaa,Kaako,Abbay fi Nuunnu) jedhaman keessatti haala sochii Siyaasaa fi Hawaasummaa irratti addaa durmmaadhaan Murti (Hoggansa) kennaa kan tureedha.
* Gootichi kun Nama cimaa gootummaa,hayyummaa fi dandeettii haggansaa jalqabumaan horateedha.Fakkeenyaaf warri dubartootaa eenyummaa Nama kanaa ibsuudhaaf hellee keessatti akkas jedhanii yommuu faarsan
“Bada Bakar Waaree yaa ba’eessa namaa
osoo si deessee haatee marraa lama”
* warrii dhirotaa immoo akkas jedhaan
faarsu.
“Innaawaa gamnummaa
dubbiin jalangaltuu,
yoo arjummaa taatees
dhaabbee biraan galtuu,
gootummaan daranii
roorroon ittin galtuu,
Bakariin tuttuqaan
killee dhagaan loltuu” jedhanii faarsuun eenyummaisaa ibsan.
*Kanaaf Oromootni Godina Hararge Bahaa keessa jiraatan ilmaan ykn ijoolleen Qalloo afaranii fi ijooleen Anniyaa Sadachitti fi Kodheellee lola weeyratoota Nafxanyaa ofirraa ittisuuf godhaan irratti hogganaan Garee waraana saba Oromoo eenyu akka tahuf marii eega Imarsaalii ergaa Abbaa gadaa Wadaay Galmoo Kormoosoo irraa Adeellettii itti kennamte geeyse booda godhamteen abbaan duulaa kan isaan hogganu akka Bakar Waaree tahu filatan.
*Fillannoo kana lrrattis soorayyiin beekkamoon Gosoota bakka bu’an kan argaman yommuu tahu isaaniis Anniiyya irraa Hargaaya, Afran Qalloo irra, Wadaay Galmoo Karmoosoo, Orfoo, Katabee Wadaay Dugaa fi Mareenyi yommuu tahu kana keessahiis Hargaayaa fi Wadaay Galmoo Amiir Abdulaahii waliin tahanii haala walii gala waraana kana akka hogganan Gaafatan.Tahuus Amiirtichi tole hin jenne. Sababniis yeroo sanatti Amiirtichiis Abbaa isaa Ka deeggarsa Ummata Oromoo qabu Mootummaa Gibxii waliin Angoo irraa fonqolchee gara Angooti dhufuun isaa yeroo gaba haala waliigala waraana sanaa hogganuu hin dandeenye.
*Adeemsa qophii leenjii waraanaatiin wal qabatee Gareen waraanaa ykn loltootni weeyrartoota Nafxanyootaa kanaan loluuf qophaa`aniis bakka sudiitti qodamu. Isaaniis Gareen tokkoffaan Garee Murti Guutoo jedhamu yommuu tahu Gareen kuniis akkuma Maqaa isaarraa hubannutti Garee isa ol’aanaafi hanga Murtiin isaanii guutamuufitti humna diinaa dura dhaabbachuun kan falmatu jechuu dha.
* Garee kanaafiis leenjiin kennamu baayyee cimaa jedhamee himama fkn waraanaa fi gaachena qabatanii farda yaabbatanii arihuudhaan osoo fardii fiigaa jiru farda garaajala naannahuudhaan Hiddii lafaa akka kaasan gochaa leenjiin kennamaafi jedhama.
* Hogganaan waraana garee Murti Guutoo Bakar waareetiis leenjii Garee kanaa Manguddootni ni himu. Iddoon leenjiin kun itti kennamaafii turees Aanaa Gurawaa Raadayaayyaa bakka Gambeella jedhaamutitti fi fiixee Gaara Mullata bakka Dabbaal Mootii Gaaraa jedhamtutti Nama Maqaan isaa Lallabaa Lihoo jedhamuun akka leenjiifaman himu.
*Lammaffaan, Garee Raaree jedhamtu yommuu tahu Gareen tuniis akkuma
Garee Murti Guutootti tan Fardaan leenjite taatullee leenjiin Garee kanaa kennamuus akka leenjii Garee Murti Guutootiif kennamutti cimaadhaa mitti jedhama.
* Gareen kuniis leenjii iddoon itti fudhate Aanaa gurawaa naannoo Rakkoo Barzaalaa bakka Raaree jedhamtuttii yommuu tahu leenjiisaan Garee tanaatiis Riyyaa jedhamuun beekkama.
Saddafaan, Garee Qeeyroo jedhamtu yommuu tahuu Gareen kuniis nagaya
eegduu poolisii naannoo jedhamuun beekamti. Fakkeenyaaf yeroo Gareen Murti Guutoo fi Raaree diina saanii waliin dirree waraanaa lrratti falmii gochaa jiran akka diinii kun kallattii biraatiin itti hin dhufne warreen eegan
jedhama.
*Leenjiin Garee kanaa kennamuus sochii qaamaa dabalate akka bifa kaaraatee ammayyaa fakkeessanii muka jajjabaa kanneen akka Ejersaa dumucaan cabsuudhaan leenjii warreen fudhataniidha. Akassumaas meeshaan waraanaa kan Gareen kun loluun xiyyaa, mencaa fi kan akka qottoo, wacaafaa dhagaa furgugsuufii k.k.f lolan jedhama. Leenjisaan Gareetanaatiis akkuma Garee Raareettii Riyyaa jedhamuun beekkama.
☆☆☆☆☆☆☆
1.Bakar Waaree
2.Galmoo Boorree
3.Galmoo Mixee
4.Raaree Urjii
5.Urgee Urjii
6.Wadaay Dhugaa
7.Kormoosoo Dhugaa
8.Katabee Dugaa
9.Wadaay Calanqoo
10.Biin baradoo Naggee
11.Duusee Naggee
12.Liibee Yaabata
13.Waaruyyoo Uukee
14.Roobaa Tunee
15.Qonbor Kotobee
16.Waaree Bokkoo
17.Aliyoo Tunee
18.Aliyoo Dadar
19.Madhisoo Bikkee
20.Borikkee Bikkee
21.Bareentoo Illii
22.Bareentoo Erar
23.Tunee Argayaa
24.Tunee Calloo
25.Tuuchaa Mixee
26.Binee Tuuchaa
27.Bilaal Araboo
28.Wadaay Raaree
29.Yaaqoo Raaree
30.Raaree Qiiqqee
31.Raaree Machalloo
32.Abboo Wadaay
33.Badhaasoo Igguu
34.Geeloo Gambeelloo
35.Geeloo Furdaa
36.Faaraa Nageeyyee
37.Haamoo Nageeyyee
38.Uumee Goobanaa
39.Hurree Qilxuu
40.Hurreeysoo Qawwee
41.Jiloo Qawwee
42.Guraa Roobaa
43.Halooyyee Qudur
44.Roobsoo Elemoo
45.Borikkee Huursoo
46.Borikkee Tunchaa
47.Kormee Galmoo
48.Waddoo Dhugaa
49.Dhugaa Corree
50.Wadaay Roobaa
51.Wadaay Bulee
52.Fandii Faara’ee
53.Calloo Faaraa
54.Guulaa Badhaasoo
55.Jilchaa Roobaa
56.Hinnee Barkallee
57.Odaa Tuuchaa
58.Odaa Dinkoo
59.Dinkoo Arreelee
60.Dinkoo Madhisoo
61.Jiysoo Unjuu
62.Daawwee Elemoo
63.Dinkoo Waaree
64.Bakar Daalachoo
65.Saafii Waaccoo
66.Saalii Wadaay
67.Yuuyyoo Dilbii
68.Dilboo Ginnoo
69.Dibii Maaroo
70.Fugee Araarsoo
71.Fugee Yaayyaa
72.Ereroo Wayyuu
73.Araarsoo Wayyuu
74.Ereroo Gootaa
75.Bareentoo Gulaa
76.Gurees Wataroo
77.Boruu Kuyyee
78.Roobaa Laarraa
79.Wadaajoo Shawaa
80.Doobiroo Cilaaloo
81.Tuushoo Carcar
82.Buroo Galamsoo
83.Carroo Baddeeysaa
84.Gaadissa Galamsoo
85.Yaayyaa Bareedaa
86.Gariiraa Gooroo
87.Argayaa Gootaa
88.Gooliyyee Qoree
89.Haruun Soddomaa
90.Daawwee Gololchaa
91.Karroo Abbaadhoo
92.Leencoo Fallaanoo
93.Kitar Daallee
94.Jaamii Barkallee
95.Barkallee Tuuttoo
96.Roobaa Tuuttoo
97.Wadaay Elemoo
98.Waaddoo Tarree
99.Usmee Tarree
100.Katabee Boruu: Warreen Farda waraanaa walitti qaban
101.Baatee Galmoo: warreen Farda
waraanaa walitti qaban
102.Wadaay Raammis
103.Maaruu Galataa
104.Lammii Galataa
105.Hinee Raammis
106.Dagaa Muchaa
107.Fajaa Muchaa
108.Qalboo Muchaa
109.Alii Saalii
110.Booree Aruyaa
111.Bokkuu Abbaa
112.Bakkajjoo Faara’ee
113.Amad Buroo
114.Muussaa Barree
115.Nagayyee Turaa
116.Jaarraa Araarsaa
117.Ibroo Jaarraa
118.Haamiid Korommi
119.Urgee Habruu Boruu
120.Yaqiinoo Ukaash
121.Alee Ukaash
122.Dubaay Gurraachoo
123.Katabee Muussoo :warreen Farda
waraanaa walitti qaban
124.Galaanaa Dalloo
125.Suutee Raabsaa
126.Barree Raabsaa
127.Yaaqub Urgee
128.Abbiyyaa Dabbasoo
129.Raammis Malaagaa
130.Daaddoo Toolloo
131.Daaddoo Hammarroo
132.Dawid Magaagaa
133.Katachaa Golee
134.Hawwoo Masalaa
135.Wadaay Kurfaa
136.Wadaay Erer
137.Wadaay Tarree
138.Roobaa Bulee
139.Roobaa Hammarroo
140.Qummuuxaa Tunee
141.Abdullaa Raaboo
142.Daalachoo Laangeey
143.Amad Mucee
144.Saalii Roobaa
145.Shidee Koosum
146.Saalii Mucee
147.Waadee Girii
148.Alii Tushaar
149.Haamid duulaa
150.Fayyee Salalee
151.Daadhii Salaalee
152.Aalaa Qacalee
153.Dillee Raabsaa
154.Dillee Kuraa
155.Ammee Kormoosoo
156.Machalloo Saphaloo
157.Gurroo Tarcoo
158.Wadaay Corree
159.Daadhoo Birbirsaa.
160.Saddiiq xinnaa:Guraw Muudana
161.Muummad Korree:Gurawa Torbii
162.Muummad Wadaay
Mullataa:Guraw Torbii
163.Ammad Muummad Boruu
Tarree:Guraw Mojo
164.Gilchaa/WaariyoElemoo:Haramayaa Daso
165. Aadam Yuusuf(kombolcha) Araddaa Fal’aana
166. Ahmad Heeban (kombolcha)Araddaa Eeguu
167, Muussaa Nyaaroo(kombolcha) Araddaa Eeguu
168. Doolaar Barkallee (kombolcha)
Araddaa warra Mahammad
169. Mahammaad Usmaan
Bulee(kombolcha) Araddaa Warra Mahammad
170.AhamadDaawwid(kombolcha)Araddaa Warra Mahammad
171.Muummad Abdii(kombolcha)Araddaa Qaqallii
172. Roobaa Usmaan(kombolcha) Araddaa Qaqallii
173. Wadaayi Malaaqaa(kombolcha) Araddaa Qaqallii
174. Siid Smaan(kombolcha)Araddaa Qaqallii
175. Muummee Alii Yuusuf(kombolcha)Sibiiluu
176.Araarsaa Roobaa Harbuu Burii(kombolcha)Araddaa Hundee Bilisummaa
178. Abdii Raachoo (kombolcha)Araddaa Hundee Bilisummaa
☆ Goototaa Dubartoota Dirree Lola Calii Calanqoorratti hirmaatan sirna gita bittaan kolooneeyfatoota habashaa hudhaa qabaa turan .
1.Raadoo Boruu
2.Moommoo Boruu
3.Kinnoo Bakar
4. Qarshoo Habalee
5. Kuuloo Biin Barad
6. Daroo Jilchaa fi kkf Garuu akka barreeffama Afaan Arabatiin Bara san barreeffame tokko ibsutti baayyinni Dubartoota lola san irratti hirmaatanii kudha torba (17) kan jedhuutu jira Waluma galatti Gootoonni dirree calanqoo irratti wareegaman kanneen armaan olitti ibsaman qofaa miti.Ilmaan Oromoo kuma kurna heddutti lakkawamuutuu calanqoo lolaatti wareegaman ibsa.
Comments
Post a Comment